Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa naannolee 4’f galteewwan wal’aansaa arjoome

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayii fi Beenishaangul Gumuziif meeshaalee kenniinsa tajaajila fayyaa fi qorichaalee arjoomeera.

Meeshaaleen kunneenis dhaabbilee fayyaa 32 naannolee kanneenitti argamaniif kan qoodamu yoo ta’u, dhaabbileen kunneen tajaajilaa barbaachisaa akka kennanii fi ittsa dhibeewwaniirratti galtee barbaachisaa akka qabaatan kan tumsu ta’uun eerameera.

Waldichis deeggarsicha Biiroo Misoomaa Waloo Alaa Ingiliz waliin ta’uun pirojektii waggoota lamaaf hojiirra oolchaa jiru “Ethiopia to Resilience” jedhamu akka tumsuuf ta’uun ibsameera.

Pirojektichi dhaabbilee fayyaa deebisaanii ijaaruu fi kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyeessuuf kan dandeessu ta’uun ibsmeera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.