Fana: At a Speed of Life!

Waldaan misooma Oromiyaa callaqqee Tokkummaa Uummata Oromooti – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC) – Waldaan misooma Oromiyaa callaqqee Tokkummaa Uummata Oromoo ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Waldaan Misooma Oromiyaa Gamoo Odaa Adaamaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ijaarsise bakka Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, walittti qabaa boordii waldichaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi hoggantoonni mootummaa argamanitti eebbisiiseera.

Gamichi Birrii miiliyoona 251 oliin lafa Kaaree meetira kuma 1 fi 878 irratti kan ijaarame yoo ta’uu, yeroo tokkkotti konkolaataa 100 dhaabsisuu kan danda’u abbaa darbiiwwan 11 ta’uu eerameera.

Gamoo kana kan Eebbisan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Waldaan Misoomaa Oromiyaa calaqqee tokkummaa uummata Oromooti jedhan.

Qormaanni heddummaatus hojiilee misoomaa rakkoolee hawaasaa furan hojjetamaa jiraachuu Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Waldichi gama barnoota, fayyaa, bishaan dhugaatii qulqulluufi bu’uuraalee misoomaan hojiilee jajjaboo hojjechuu kaasaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi daayrikteerri WMO duraanii Aadde Adaanach Abeebeen gama isaaniin , Waldaan Misooma Oromiyaa bu’aa tokkummaa waan hubateef dursee qajeeltoo ‘Tokkummaan Misoomaaf’ jedhuun hojiiwwan boonsaa hojjechaa ture jedhan.

Dabalataan ijaarsa gamoo haaraa ‘Odaa-Adaamaa ‘ lakk. 2ffaaf dhagaan bu’uuraa kaawwamuu ragaan Waldaa Misooma Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

!#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.