Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Michummaa Ityoo- Sudaan Waariin aadaa Magaalaa Kaartumitti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Waldaan Michummaa Ityoo- Sudaan jedhamu Imbaasii Ityoophiyaa Sudaanitti argamu waliin ta’uun Waarii aadaa Magaalaa Kaartumitti qopheesse.

Sirna kanarratti kan argaman Sudaanitti Ambaassaddarri Ityoophiyaa, Yibelxaal Ayimiroo akka jedhanitti, Waariin Aadaa gaggeeffame kun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf gahee guddaa qaba.

Lammiileen Ityoophiyaa fi Sudaan rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi Siyaasaa wal fakkaatuu kan qaban waan ta’eef tumsa gidduu isaanii jiru cimsuun rakkoolee qaban furachuuf cimanii hojjechuu qabu jedhan.

Barreessaan Olaanoo Mana Maree Michummaa Lammiilee Idil Addunyaa Saaliwaa Mahammad gama isaaniitiin, lammiileen biyyoota lamaanii aadaa fi seenaa wal fakkaatu qabu jedhan.

Waariin Aadaa qophaa’e kunis walitti dhufeenya lammiilee biyyoota lamaanii dagaagsuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Waarii aadaa kanarrattiis Ambaassaaddarri Eertira Issaa Ahimad dabalatee, keessummoonni kanneen biroo argamuu ragaan Imbaasicharra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.