Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa proojektii bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 9 oliin ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC)- Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa damee Asoosaa proojektii bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 9 oliin ijaarsisee eebbisiiseera.

Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaatti itti gaafatamaan damee Beenishaanguul Gumuuz obbo Shibaabbaaw Asgee, waldichii hojiiwwan deebii  balaa fi deeggarsa namoomaa dabalatee mootummaa cinaa dhaabbachuun waggoottan 23 darbaanitti naannichaatti hojiiwwan adda addaa hojjechaa tureera jedhan.

Proojektichi deeggarsa maallaqaa waldaan fannoo diimaa Ostiriyaarra taasifamee kan ijaarrameedha jedhaniiru.

Ijaarsi proojektii kun baasii Birrii miiliyoona 9 oliin kan ijaarramee fi  waggaa 2 fi baatiiwwan 6 keessatti xumuramuu ibsaniiru.

Proojektiin kun kutaa hawaasa adda addaa kuma 66 fi 500 oliif tajaajilaa laachuu akka danda’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.