Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Faayin Aartii Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti agarsiisawwan fakkii hawaasaaf banaa taasiise

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) –Waldaan Faayin Aartii Oromiyaa mata duree “Agarsiisa Oromiyaa”jedhu Muuziyeemii Magaalaa Finfinneetti agarsiisawwan fakkii hawaasaaf banaa taasiisuu ibsame.

Kaayyoon agarsiisichaa Aadaa,Seenaa,duudhaa ,teessumaa fi qabeenya ummata Oromoo dhaloota barsiisuun labataa labatatti darbarsuuf ta’uu eerameera.

Agarsiisichi har’aa irraa jalqabee guyyoota 15niif tura jedhame.

Preezdaantiin Waldaa Faayin Aartii Oromiyaa obbo Omar Goobeen, gara fuulduraatti argarsiisa fakkiiwwaniis ta’ee Hoteelota gurguddoo abbaa urjiiwwaniitiif fakkiiwwan Oromiyaa muul’isan kaasanii dhiyeessuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa Iddoo Gaalaarii Fakkiiwwanii tokko akka kennuuf maqaa waldaa isaanitiin gaafataniiru.

Agarsiifni Fakkii waldaa Faayin Aartii Oromiyaa dhiyaate hawaasni bal’inaan daawwachaa jiru jedhame.

Olyaad Haaji Ahmaditu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.