Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Eegumsa Fayyaa Ityoophiyaafi Faawundeeshiniin Paakaard Piroojektii Doolaara miiliyoona 1.9 ifoomsan

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Waldaan Eegumsa Fayyaa Ityoophiyaafi Faawundeeshiniin Paakaard Piroojektii Doolaara miiliyoona 1fi kuma dhibba 9 ifoomsan.

Piroojektichi waggoota sadii keessatti kan xumuramu yoo ta’u, karoora maatiifi eegumsa fayyaarratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Piroojektichi bara kana keessa kan eegalu ta’uufi naannolee Oromiyaafi Amaaraatti hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.

Doolaarri miiliyoonni 1.4 karoora maatii babal’isuufi qulqullina eegumsa fayyaa irra kan oolu yoo ta’u, walakkaan miiliyoona ammoo iddoowwan  sababa nageenyaan miidhaman deeggaruuf oola jedhameera.

Piroojektichi haadholii hedduun fayyadamoo karoora maatii akka ta’aniif shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.