Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Artistoota Oromoo,Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi hojjettoonni giddu gala aadaa Oromoo dhiiga arjooman

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Waldaan Artistoota Oromoo,Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi hojjettoonni giddu gala aadaa Oromoo Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.
Jijjiirama biyyaa fiduu keessatti ga’een Dargaggoota ,Artistootaa fi hayyoota Oromoo olaanaa ture.
Guyyaa har’aas Waldaan Artistoota Oromoo fi hojjettoonni giddu gala Aadaa Oromoo, akkasumas hojjettoonni Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga Arjoomaniiru.
Mindaa ji’a tokkoos deeggarsaan taasiisaniiru.
Artistoonni Oromoo kana duras bakka leenjii raayya ittisa biyyaatti imaluun ogummaa qabaniin Raayyaa Ittisa biyyaa jajjabeessaa turaniiru.
Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaas,iddochatti argamuun haasaa taasisaniin,Artistoonni Oromoo sirna ABUT biyyarraa buqqisuuf ga’ee addaa ba’achaa turuu dubbataniiru.
Har’as hojii Ogummaa qabaniin hojjetan cinatti Dhiiga isaanii arjoomuun Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin jiraachuu mirkaneessaa jiruu jedhan.
Yaaddesaa Geetaachootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.