Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen siivikii duudhaleen ummataa gaggaariin akka calaqqisaniif hojjechuu akka qaban MM Dr. Abiy hubachiisan

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) –Waldaaleen siivikii duudhaleen ummataa gaggaariin akka calaqqisaniif hojjechuu akka qaban Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waldaaleen siivikii duudhaleen ummataa gaggaariin akka calaqqisaniif hojjechuu akka qaban beeksisan.

Dooktar Abiy bakka bu’oota dhaabbilee waldaalee siivikii waliin guyyaa har’aa mari’ataniiru.

Maricharratti biyya cimtuu ijaaruuf tumsa qaama hundaa waan barbaachisuuf waldaaleen siivikii misooma namummaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban Muummeen Ministira Dooktar Abiy gaafataniiru.

Hirmaatoonni waltajjii marichaas jijjiirama Ityoophiyaatti dhufeen walqabatee labsii dhaabbilee waldalee fooyyesuun hojiiwwan yeroo darberra bifa gaariin adeemsisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad gama isaaniin dhaabbileen waldaalee siivikii cimuun ijaarsa deemokiraasiif bu’aa gudhaa ta’uu ibsaniiru.

Waldaaleen siivikii loogummaa tokko malee bifa qulqullina qabuun fayidaa ummataa qofaaf akka hojjetan gaafataniiru jechuun Alaazar Taaddaleetu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.