Waldaaleen Siiviilii biyya keessaa sagal filannoo akka taajjaban eeyyamni laatame
Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Waldaaleen Siiviilii biyya keessaa sagal filannoo marsaa 6ffaa akka taajjaban eeyyamni laatamuu Boordiin Filannoo Biyyaalesaa beeksiise.
Boordiichi akkaataa labsii Galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 fi qajeelfama hojmata eeyyama laachuu taajjabdootaa lakkoofsa 5/2012 jalatti tumamen waldaalee siiviilii biyya keessaa filannoo taajjabuuf fedhii qabatanii ulaagaa barbaachisu guutan 36f marsaa duraan beekkamtii laachuun kan yaadatamuudha.
Dabalataan waldaalee marsaa duraan filannoo taajabuuf iyyannoo dhiyeeffatanii osoo hin calalaman hafuun irra deebiin komii dhiyeeffatan keessaa boordichi marsaa 2ffaan waldaaleen 9 filannoo akka taajjaban eeyyama laachuu ragaan Fuula Boordichaarraa argame ni agarsiisa.
Yeroo ammaas Waldaaleen Siiviikii haaraan garaagaraa filannoo taajjabuuf eeyyamni akka laatamuuf gaafachaa jiraachuus ibseera.
Yaa ta’uutii yeroon filannoo dhiyaachaa dhufuu isaan boordichas ta’ee waldaaleen qophii barbaachisu taasiisuuf rakkisaa waan ta’eef iyyannoo filannoo taajjabuuf dhiyaatu ammaan booda kan hin simanne ta’uu boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.