Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen diyaaspooraa rakkoolee akka biyyaatti mudatan akka ceenuuf ga’eesaanii ba’achaa jiru- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Waldaaleen diyaaspooraa guutuu addunyaarratti argaman rakkoolee akka biyyaatti nu mudatan akka ceenuuf ga’eesaanii ba’achaa jiru jedhan  Gorsaan Dhimmoota Nageenyaa Muummee Ministeeraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Ambaasaaddar Reedwaan yaa’ii 22ffaa dhaabbata Musiliimotaa Idil Addunyaa Badir irratti haasaa taasisaniin, dhaabbatichi yeroo jalqabaaf yaa’iisaa Ityoophiyaatti gaggeessuun jaalala biyyaaf qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Gurmaa’insoonni diyaaspooraa biroonis sagantaalee isaanii Ityoophiyaatti akka gaggeessaniif kaka’umsa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’iin dhaabbatichaa qaama sagantaa “Iid hanga Iid” ta’uufi guyyoottan itti aananitti Giddugala Igzibiishinii magaalaa Finfinneetti qophiilee garaagaraa kan gaggeessu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Walitti qabduun koree waloo Iid hanga Iidiifi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon gamasaaniin, yaa’ichi hirmaannaa biyyaalessaa diyaaspooraan biyyasaarraa fagaatee taasisaa ture dhiyeenyatti akka taasisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichi  walitti hidhamiinsa uumuuf, filannoowwan invastimantii adda baasuuf, seenaa fi aadaa biyyattii beekuufi wayita deebi’anis ambaasaaddara tuurizimii akka ta’aniif ga’ee qabaachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.