Waldaaleen Daldalaa qophii Imaammataa irratti hirmaannaa akka taasisan waamichi dhiyaate
Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC)- Waldaaleen Daldalaa Imaammatawwan daldalaa yeroo yeroon wixineeffaman irratti hirmaannaa taasisuun yaadota galtee akka dhiyeessan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen waamicha dhiyeessan.
Dooktar Kaasaahuun Goofeen hoggansa Waldaalee Daldalaa fi Sektarootaa Finfinnee akka haaraatti gurmaa’e waliin sagantaa wal-baruu gaggeessuun hojiiwwan walta’insaan hojjetan irratti mari’ataniiru.
Waldaaleen naamuusa, ogummaafi dandeettii raawwachiisummaa damee dhuunfaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban miidiyaa hawaasummaa isaaniin hubachiisaniiru.
Sirni daldalaa ammayyaawaa, hirmaachisaa fi carraawwan idil-addunyaaf gahumsa akka qabaatuuf waldaaleen daldalaa gahee isaanii bahuu qabu jedhan.
Hoggantoonni Waldichaa Wiirtuu Agarsiisa Daldala Alergii daawwachuu ibsaniiru.