Waldaalee fe’aa fi buusaa gatii olka’aa gaafachuun hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatame
Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Waldaalee Tajaajila Meeshaalee fe’aa fi buusaa gatii olka’aa gaafachuun hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hawaasni wayita meeshaalee sochoosan dirqiin gatii humnaa olii akka kaffalan waldaalee rakkisaa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Naageenyaa magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan ibsaniiru.
Magaalichaattii Waldaalee karaa seera qabeessaan gurma’aan kumni 1fi 72 miseensota kuma 6 fi 423 of keessatti hammatte jiraachuu eeraniiru.
Yaa ta’uutii waldaaleen kunneen hawaasaa irraa dhiibbaa qaqqabsisaa jiraachuun yeroo adda addaatti komiin dhiyaachuu ibsaniiru.
Waldaaleen kunneen gatii humna olii gafaachuurra darbe, namoota hin beekkamne qacaruun jiraattoonni wayita Meeshaalee geejjibsiifatan Birrii kuma 90 hanga kuma 100 gafaachuun hawaasa hiraarsaa turuu Aadde Liidiyaan himaniiru.
Rakkicha furuuf irra deddeebiin mariin taasiifamuus gochichaarraa of qusachuu dhabuu isaaniin tarkaanfiin irratti fudhatamuu himaniiru.
Komii hawaasaa kana bu’uureeffachuun Waldaalee 44 miseensota 505 qabanii fi namoonni dhuunfaan 97 seeraan ala hawaasa rakkisaa turan to’annoo jala oolfamuu ibsaniiru.
Waandimmuu Addunyatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.