Fana: At a Speed of Life!

Waldaa Dippiloomaatootaa hundeessuun faayidaa biyyaalessaaf gumaacha oolaanaa qaba – Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Waldaa Dippiloomaataa Itiyoophiyaa hundeessuun faayidaa biyyaalessaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.

Ministeera Dhimma Alaatti sadarkaa garaagaraa tajaajilaaa kan turan Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonni duraanii fi ogeeyyiin Ministeera Dhimma Alaa Waldaa Dippiloomaatootaa hundeessaniiru.

Waldaan Ambaasaaddaroota buleeyyii fi ogeeyyii of keessatti hammate hundaa’uun faayidaa olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun eeraniiru.

Waldichi damee hariiroo alaaf qorannoo fi qo’annoo, kallattii imaammataa agarsiisuu fi dargaggoota leenjisuun ce’umsa beekkumsaa taasiisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Hundaa’uun waldichaa ogummaa dippiloomaasii fi
Aartii guddisuu fi ogeeyyii gudduutti hariiroo cimsuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.