Walakkaa waggaatti hojiilee daandii hojjatamaniif Birrii biiliyoonni 26.27 baasii ta’aniiru-BDI
Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Walakkaa waggatti hojiilee daandii hojjatamaniif Birrii biiliyoonni 26.27 baasii ta’uu Bulchiinsi Daandiiwwan Ityoophiyaa ibse.
Ijaarsi Daandii asfaaltii kiiloo meetiraa 397, hojii suphaan daandii kiiloo meetira kuma 5 fi 123 gaggeeffamuu ragaan bulchiinsichaa ni mul’isa.
Bulchiinsi Daandiiwwaan Ityoophiyaa raawwii baatiiwwan jahan darbanii fi hojiilee fuulduraarratti mari’ateera.
Maricharratti, hawaasaa itti dhiyeenyaan tajaajiiluu fi ijaarsa pirojektiiwwan daandii itti dhiyeenyaan to’achuuf yaadamee, waajjira maanaajimantii pirojektiiwwaan ijaarsa bifaa haaraan gurmaa’aan 27 keessaa 25 humna guutuun hojiitti seenuun ibsameera.
Walakkaa waggaatti pirojektiiwwan daandii 14 fi bittaa to’annoo ijaarsawwan 19 raawwatamuun eerameera.
Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti mudateen, rakkoolee nageenyaa naannawaa garaagaraatti mudatan, daangaa kabachiisuun walqabatee batiiwwan jahan darbanitti rakkoolee mudatan ta’uun ibsameera.
Dabalataanis, ga’umsi kontiraaktarootaa hir’achuun galteewwan ijaarsaa fi hanqinni sharafa alaa adeemsa ijaarsaa pirojektootaarratti gufuulee mul’atan ta’uun ibsameera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.