Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan sadan darban sharafni alaa Doolaara biiliyoona 9 ta’u karaa Diyaaspooraan gara biyyaa ergame

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Waggoottan sadan darban sharafni alaa Doolaara biiliyoona 9 ta’u karaa Diyaaspooraan gara biyyaa ergamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Hojii Dippiloomaasii fi qabeenya walitti qabuu Diyaaspooraan hojjetamaa jiru caalmaatti cimsuuf haala dandeessisurratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Dippiloomaatootaa fi garee Diyaaspooraa dhimmichi ilaallatu waliin Intarneetiin marii taasiisaniiru.
Kana dura lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni biyyattii biyya alaa jiraataan gara biyyaa akka hin gallee fi dhimma biyyaarratti akka hin hirmaanne dhorkamaa turu marichaan ka’eera.
Jijjiirramaa dhufe hordofee garuu hawaasni diyaaspooraa bifa haaraan dhimma biyyarratti akka hirmaatan carraan uumamuu ibsameera.
Kanaanis Waggoottan sadan darban sharafni alaa Doolaara biiliyoona 9 ta’u karaa Diyaaspooraan gara biyyaa kan ergame yoo ta’u, Hojii Invastimantii eegalameen lammiilee hedduuf carraan hojii uumamuu ibsameera.
Mootummaan faayidaa hunda galeessa Diyaaspooraan laachuu danda’u giddu galeessa godhachuun Ejansiin Diyaasaapooraa hundaa’uun deeggarsa barbaachisu akka laate taasiisuu Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.
Diyaaspooraawwan giddu seentummaa biyyoota alaa mormuun qabsoon eegalan dhimma Ityoophiyaa qofa osoo hin taane dhimma Ardii Afrikaa akka ta’u gochuun danda’ameera jedhan.
Lammiilee sababa waraanaan buqqa’an deebisanii dhaabuuf yeroo gabaabaa keessatti deeggarsi olaanaa argameef galateeffataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluu isaanii hordofee Diyaaspooraawwan garee fi dhuunfaan qaama duulichaa ta’uun biyyaaf gumaacha olaanaa taasiisuu ibsameera.
Muummeen Ministiraa lammiilee fi michuuwwan Ityoophiyaa Ayyaana Qillee Ityoophiyaatti akka kabajan waamicha dhiyeessan hordofee namoonni hedduun gara biyyaa dhufuuf qophiirra jiraachuu Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsuu isaanii Ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.