Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan kurnan darbanitti Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birriin biliiliyoonni 14.98 hawaasarraa walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2013 (FBC) – Waggoottan kurnan darbanitti Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birriin biliiliyoonni 14.98 hawaasarraa walitti qabamuu Manni Maree qindeessaa hirmaannaa ummataa biyyaalessaa beeksiise.

Waggaa kurnaffaa ijaarsa Hidha Haaroomsaa sababeeffachuun guyyoota 10n walitti aananiif torbeen gurgurtaa boondii kan gaggeeffamu ta’uu daayreekarri sabquunnamtii uummataa fi Kominiikeshinii Miidiyaa obbo Hayiluu Abrahaam ibsaniiru.

Torbeen boondii kunis Bitootessa 15 – 25, 2013 ta’uu himaniiru.

Baankiin Misoomaa fi Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa guyyaa dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa kaa’ame sababeeffachuun waggaa waggaan torbee gurgurtaa boondii kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.