Waggoottan 6’n darban Itiyoophiyaan injifannoowwan dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa ishee itti fufsiisan galmeessisteetti-MDhA
Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Waggoottan 6’n darban Itiyoophiyaan injifannoowwan dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa ishee eegsistee akka itti fuftu dandeessisan galmeessisuu Ministeeri Dhimma Alaa beeksise.
Dubbii Himaan Ministeericha Nabiyyuu Tadlaan ibsa miidiyaaleef kennaniin hojiileen dippilomaasii waggoottan jijjiiramaa ja’an darban qormaatileen kan itti heddummaatan ta’us injifannoowwan olaanaan galmaa’uu himan.
Fooyyessii damee diinagdee taasifamuun dhaabbilee alaaf dameewwan cufaa turan akka banaman, yaa’iinsa invastimantii guddisuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uu, sagantaaleen Ashaaraa Magariisaa sadarkaa biyyaalessaa hojiilee dippiloomaasiin dabaalamuun beekkamtii akka argatuuf bal’inaan hojjetamuu dubbataniiru.
Hariiroo biyyoota ollaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu eeruun, hojiileen dippiloomaasii kunneen Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi guddina itti fufsiisuuf gumaachuu Obbo Nabiyyuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia