Waggoottan 5’n itti aanan baala shaayii irraa galii Doolaara miiliyoona 700 argachuuf karoorfamee hojjatamaa jira-ATBShI
Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Waggoottan shanan itti aanan baala shaayii irraa galii Doolaara miiliyoona 700 argachuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa ibse.
Godinaa Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti misooma baala shaayii gaggeeffamaa jiru daawwatameera.
Daawwannicharratti Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dooktar Adduunyaa Dabalaan, inisheetiivii misooma baala shaayii lafa qabsiisuun waggoottan shanan itti aanaan keessatti damicharraa galii Doolaara miiliyoona 700 argachuuf karoorfamee hojjatamaa jira jedhan.
Hojiileen Godina Jimmaa fi godinaalee biroo keessatti hojjatamaa jiran karoora qabame milkeessuun akka danda’amu kan akeeku ta’uus himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun, bara kana hojiilee misooma damechaa babal’isuuf karoorfamee biqilootni baala shaayii biliyoonni 1 qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
Bulchaa Itti Aanaan Godina Jimmaa Obbo Yesuuf Shaaroo gama isaaniin, qonnaan bultoonni godinichaa yeroo ammaa biqiloota gabbina biyyee irratti dhibbaa qaban kaasuun baala shaayii kilaastaraan misoomsaa jiraachuu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia