Fana: At a Speed of Life!

Waggoottaan shanan dhufanitti Ityoophiyaan galteewwan Yaalaa fi Qorichaa % 60 biyya keessaa kan guuttattu ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Waggoottaan shanan dhufanitti Ityoophiyaan galteewwan Yaalaa fi Qorichaa % 60 biyya keessaa kan guuttattu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Mootummaan waggoottaan kurnan dhufanitti karoora diinagdee salphaa guddisuuf qabateen Indaastiriiwwan Oomishaalee Faarmaasiiyuutikaalii biyya keessatti galteewwan Qorichaa fi Yaalaa fayyaa akka oomishaan rakkoolee damichaan jiran furuuf kan tumsu ta’uu ibsameera.
Indaastiriiwwan Oomisha Faarmaasiiyuutikaalii bifa haaraan gurmeessuuf oomishtoota Faarmaasiiyuutikaalii fi qooda fudhattoota waliin mariin taasiifameera.
Rakkoolee damichaan jiran furuuf mootummaan oomishtoota Faarmaasiiyuutikaalii fi qooda fudhattoota waliin mari’achuun murteessaa ta’uu Daayreektarri olaanaan dhaabbata Qorannoo Armaawar Hasan Proofeesar Afawarq Kaasuu ibsaniiru.
Damicha deeggaruun gara sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf mootummaan qooda isaa ba’uurra darbee oomishtoota damichaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dookatar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Xiyyeeffannoo damichaaf laatame fayyadamuun waggoottan shanan dhufan keessa galteewwan Qorichaa fi Yaalaa % 60 biyya keessaa guutuuf ni hojjenna jedhan Dooktar Liyaan jedhan.
Qonjiitu Zawdeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.