Fana: At a Speed of Life!

Waggoota sadan darban baasii loojistiksii Birrii biiliyoona 5 baraaruun danda’ameera-Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Waggoottan sadan darban hojmaataa qindaawaa damee loojistiksii fooyyessuun hojiilee hojjetamaniin baasii loojistiksii Birrii biiliyoona 5 baraaruun akka danda’ame Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Mata duree “Ga’umsa loojistiksii fooyyessuu fi qindoomina dhaabbilee tiraanisfoormeeshinii diinagdee waaraaf” jedhuun waltajjiin qorannoo damee loojistiksii Adaamaatti gaggeeffame.

Ga’umsi loojistiksii guddina daldaa alaa fi galiin yoo madaalamu qormaata hedduun kan xaxame ta’uu Ministirri Ministeerichaa Dooktar Alamuu Simeen dubbataniiru.

Rakkoolee kanneen hambisuufis qorannoo fi xiinxalli gaggeefamuu kaasanii, tarsiimoon loojistiksii biyyaalessaa qophaa’ee mana maree ministirootaan erga ragga’ee waggoonni sadii darbuu ibsaniiru.

Waggoottan kanneen keessattis hojiilee qindoominaan hojjetamaniin baasii loojistiksii Birri biiliyoona 5 baraaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Yeroo ammaas damechi guddina argisiisuun guddina diinagdeef gumaacha akka taasisuuf iftoomina guutuu fi dandeettii guddisuun, gurmaa’inaale jiran sakatta’uu fi hojmaataa fooyyessuu barbaachisa jedhaniiru.

Waltajjii qorannoo kanarratti qaamoleen garaagaraa hirmaachaa jiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.