Fana: At a Speed of Life!

Waggaa 3ffaan Sirni Gadaa hambummaan itti galmaa’e booruu fi iftaan kabajama

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Waggaa 3ffaan Sirni Gadaa Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti galmaa’e booru Muddee 24 fi iftaan Muddee 25,2012 magaalaa Yaa’a Bal’ootti kabajama.

Sirni Gadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee erga galmaa’ee waggaa sadaffaa qabateera.

Ayyaanichi waggaa waggaadhan kabajamuun duudhaan sirnichaa caalaatti akka ifa ba’u taasisa.

Baranas wayita waggaa 3ffaan isaa kabajamu beekumsi guutuu sirnichaa dhaloota itti aanutti akka ce’uu taasisuudha jedhan hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Girmaa Haayiluun.

Falaasamni Sirna Gadaa barnootaa fi qajeelfama bulchiinsaa keessatti akka lafa qabatu cimsanii irratti hojjechuu gaafata.

Galmaa’uu sirna Gadaa waggaa 3ffaa kabajuudhaf qophiin taasifamuu fi keessummoonni galaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Godina Booranaa obbo Boonayyaa Didoon Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Kabajicharratti agarsiisni aadaa fi siimpooziyamiin ni dhiyaata.

Abbootiin Gadaa godinalee Oromiyaa, hayyoonni damichaa, keessummoonnii fi qaamoleen hawaasaa ni hirmaatu.

Dabalaa Taaddasaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.