Waggaa sadaffaa Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad itti muudaman Finfinnee hoteela Sharaatanitti mariin kabajame
Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Waggaa sadaffaa Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad itti muudaman Finfinnee hoteela Sharaatanitti mariin kabajameera.
Bitootteessa 24 bara 2010 guyyaa Dooktar Abiy Ahmad aangootti dhufan as, jijjiramoota jiranii fi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti waraqaan qorannoo Dooktar Birhaanuu Leenjisootin dhihaate irratti mari’atameera.
Dooktar Abiy gara aangooti dhufuu jijjirama damee siyaasaa , hawaas-dionagdee fi dippiloomaasii biyyatti foyyeessuuf hojiin hojjatamee abdii jijjiiramaaf bu’uura kaa’eera jedhame.
Diree dimookraasi babal’isuuf carraaqin taasifamus, yaada foyya’aan tarkaanfachurratti ammas foyya’iinsa barbaada jedhame.
Waggaa muraasa kana keessatti jijjiirama hunda eegura obsaan isa bori waloon hojjachuun gahee hunda keenyaa tahuu qabaa jedhan itti aantuun preeziaantii fi qindeessituun kilaastara magaalota naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saani.
Hanqinootni furamanii jijjiiramni foyyeen akka galmaa’uuf rakkoowwan nageenyaa furuurratti xiyyeeffannoo addaatin hojjetamu akka qabus hirmaattoonni saganticha ibsaniiru.
Sagantaa kabaja waggaa 3ffaa Muummee Ministiraa aangootti dhufani akka Oromiyaatti Kabajame kanarratti, qondaaltootni mootummaa federaalaafi naannoo , abbootiin amantaafi abbootiin Gadaa ,ogeeyyootni garagaraafi qaamoleen hawaasaa hirmaataniru.
Biyya yaada foyyeen ijaaramte itti fufsisuuf, rakkinootafi garaagartee yaada mariin furuun murteessa tahuus hirmaattootni sagantichaa ibsaniru.
Bitootteessa 24 bara 2010 guyyaa Dr. Abiy Ahimad aangootti dhufan as, jijjiramoota jiraniifi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti waraqaan qorannoo Dooktar Birhaanuu Leenjisootin dhihaate irratti mari’atameera.
Diree dimookraasi babal’isuuf carraaqin taasifamus, yaada foyya’aan tarkaanfachurratti ammas foyya’iinsa barbaada jedhame.
Waggaa muraasa kana keessatti jijjiirama hunda eegura obsaan isa bori waloon hojjechuun gahee hunda keenyaa tahuu qabaa jedhan itti aantuun preezdaantii fi qindeessituun kilaastara magaalotaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin.
Hanqinoo nni furamanii jijjiiramni foyyeen akka galmaa’uuf rakkowwaan nageenyaa furuurratti xiyyeeffannoo addaatin hojjatamu akka qabus hirmaattootni saganticha ibsaniiru.
Biyya yaada foyyeen ijaaramte itti fufsisuuf, rakkinootafi garaagartee yaada mariin furuun murteessa tahuus hirmaattootni sagantichaa ibsaniru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.