Waggaa 12 booda qaroo Ifa arge
Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC) –Dargaggeessi Fireewu Shibashiin umurii Waggaa 22tti balaa isaa mudateen qaroo ija isaa akka dhabe dubbata.
Qaroon ija isaa akka deebi’uuf tajaajla wal’aansa garaagaraa taasisa turus furmaata hin arganne.
Fireewu wayita sanatti ija tokkoon sochii jireenyaa itti fufsisuuf hedduu rakkachuu ni ibsa.
Yaalii furmaata hin arganneetti abdii kutatuus ,guyyaa tokkoo garuu dhiibbaa maatii isaan gara Hospitaalaa waliigalaa Daagmaawii Miniliik imale.
Hospitaalichatti wal’aansa baqaqsanii yaalu taasifameefin qaroo ija isaa irra deebiin argaachuu Faanaa Biroodkastingi Korpooreetiif himeera.
Waggoottan dheeraa booda iji isaa argutti hedduu gammaduu fi irra deebiin akka dhaladheettii of ilaaluu ibseera.
Fireewu Shibashiin qaroon ija isa akka deebi’uuf nama isa gargaare galateeffateera.
Fireewu namoota rakkoo ijaan rakkatan deeggaruuf qaroo ijaa awwaaluu hin qabnu jedheera.
Namoonni ergaa lubbuun darbanii qaroo ija isaanii kennuuf waadaa galan jireenyaa namoota hedduuf abdii akka ta’aniis dubbateera.
Baatiin Arjoomtoota qaroo ijaa Sadaasa 30,2017 kan kabajamu ta’uu Baankiin Dhiigaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Baankichi kutaaleen hawaasaa garaagaraa Qaroo ija isaanii kennuuf waadaa akka galan waamicha dhiyeesseera.
Batsaloot Maangashaatu gbaase.
#Oromia #Ethiopia