Fana: At a Speed of Life!

Wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantaan ashaaraa magariisaa murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC) – Wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantaan ashaaraa magariisaa murteessaa ta’uu Itti Aanaan Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbay ibsan.

Hojjettoonni Biiroo Misooma Indaastirii fi Intarpiraayizii fayyadamtoota Seeftineetii magaalaa Finfinnee waliin ta’uun mata duree Egeree keenya har’a haa dhaabnu jedhuun kutaa magaalaa Eekkaatti biqiltuu dhaabaaniiru.

Misooma Indaastirii jijjiirama qabeenya qilleensaa waaraan dandamachuu danda’uu ijaaruuf biqiltuu dhaabuun furmaata ijoo ta’uu Obbo Zyaanxiraar Abbay ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti uwwisa Ashaaraa magariisaa % 30tti ol guddisuuf tattaaffii taasiifamu milkeessuuf biirichi qooda isaa kan ba’u ta’uu ragaan waajjira Kominikeeshinii Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftorraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.