Fana: At a Speed of Life!

Wabii nyaataa mirkaneessuuf qonna magaalaa cimsuun murteessaadha- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) –Wabii Nyaataa fi nyaata madaalawaa mirkaneessuuf qonna magaalaa cimsuun murteessaadha jechuun Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsaniitti, Bal’inni boroo keenyaa hammam xiqqaatuyyuu yookaan boroodhaa bakka dhabnullee, guddinni magaalotii keenyaa wayita itti fufee jirutti wabii nyaataa mirkaneessuu fi nyaata madaalawaa argachuuf mana keessatti bakka kuduraaleen itti biqilfaman qabaachuun qonnaa magaalaa cimsuuf murteessaadha jedhaniiru.

Meeshaalee deddeebisanii faayidaa kennuu danda’anitti fayyadamuudhaan bakkeewwan kuduraalee irraanolii itti magarsan hojjechuun hedduwwaniif salphaadha.

Maatiiwwan humnasaanii kana godhanii itti fayyadamuu danda’an akka ilaalanin jajjabeessa jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.