Fana: At a Speed of Life!

Wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
 
Biirichatti itti aanaan hogganaa damee qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa obbo Indaalkaachaw Tafariin akka jedhanitti hojiin misooma sululaa qindaa’aan hojjetama ajira.
 
Bara qabame kanatti sulula 6,448 bu’uureffachuudhan, lafa heektaara miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 misoomsun karoorfameera.
 
Sulula kuma 6 fi 448n adda ba’an, hirmaannaa hawaasaa miiliyoona 6.8n misoomsuf hojjetamaa jira.
 
Hojii misooma sululaa kanaan hawaasni naannoleen miidhaman akka dandamatan ni taasisa.
 
Biqiloonni Ganna dhaabaman akka kunuunfaman tumsi ogeeyyii qonnaas ni laatama jedhaniiru.
Hojiin misooma sululaa kun qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni wabii nyaataa akka mirkaneeffatan ni gargaara.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.