Wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiileen seenaa biyyattii jijjiiran hojjetamaa jiru – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa jireenya lammiilee Itiyoophiyaa jijjiiruuf hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiilee bu’aa qabatamaa argamsiisaan hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa fi Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Pireezidaanti Shimallis Gamaaggama Raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa baatiwwan saglan darbanii magaalaa Goondaritti gaggeeffame ilaalchiisee yaada kennaniin paartichi jireenya lammiilee jijjiiruuf hojii hojjeteen bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru.
Waggoottaan darban Dameewwan diinagdee hedduun Inisheetiviiwwan bocamanii hojiirra oolan oomishni biyyattii daraan akka dabalu taasiisuu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaan kutannoo fi murannoon hojjechuun bu’aalee seenaa biyyattii jijjiiran galmeessuu danda’uu ibsaniiru.
Injifannoo argame ka’umsa taasiisuun injifannoo caaluuf hojjechuu itti fufna jedhan.
Waliigala dameen qonnaa si’oomina olaanaa argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Damee Indaastiriin jijjiiramni bu’uuraa argamuu gamaaggamichaan ilaallamuu kaasaniiru.
Oomishaaleen kana dura alaa gala turan hedduun kan biyya keessan bakka bu’uu isaanii dubbataniiru.
Invastimanti hawwachuurratti hojiin hojjetame qabatamaan jijjiirama argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Akka waliigalaatti kallattiin korichi waggoottaan darban kaa’e bu’aa qabatamaa galmeessuu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.