Wabii nyaataa Afrikaa mirkaneessuuf tattaaffiin waloo barbaachiisa –Pireezidaanti Taayyee
Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)- wabii nyaataa fi guddina Afrikaa mirkaneessuuf tattaaffiin waloo kan barbaachiisu ta’uu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqaasillaaseen ibsan.
Pireezidaanti Taayyeen walga’ii ariifachiisaa Sagantaa Misooma Qonna Hundagalessa Afrikaa sadarkaa Dureewwanii Kaampaalaatti gaggeeffamaa jirurratti Shaampiyoona Sagantaa Misooma Qonna hundagalessa Afrikaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’uun ergaa dabarsaniiru.
Sirna nyaataa Afrikaa mirkaneessuuf diinagdee Ardichaa, Teeknooloojii fi haala jijjirama qabeenya qilleensaa hubateen hojiileen hedduu hojjetamaniin bu’aaleen galmaa’uu ibsaniiru.
Waggoottan kurnan dhufanitti qooda fudhattoonni sirna nyaataa Afikaarratti jijjiramaa jiru hordofuun, rakkoolee jiran hubachuun carraa gaariitti fayyadamuun Afrikaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamu akka qabu dubbataniiru.
wabii nyaataa fi guddina Afrikaa mirkaneessuuf tattaaffiin waloo kan barbaachiisu ta’uus eeraniiru.