Fana: At a Speed of Life!

Wabii fayyaa hawaasummaa Finfinneetin jiraattota miiliyoona 1 ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Wabii fayyaa hawaasummaa magaalaa Finfinneetin jiraattota miiliyoona 1 ol fayyadamoo taasisuuf kan hojjetamu ta’uun ibsame.
 
Hogganaan Biiroo Fayyaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaan inshuraansii fayyaa hawaasummaa aanaalee magaalichaa hunda qaqqabamaa taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
 
Onkololeessaa eegalee mana manarra deemuun galmeen gaggeeffama ajiraachuu ibsan.
 
Tajaajilicha laachuuf; kenniinsa tajaajila fayyaa, dhiyeessii dawaa fi qophiileen biroo xumuramaniiru.
 
Galmee Onkololeessaa jalqabee gaggeeffameen abbootiin warraa fi haadholiin warraa kumni dhibbi 1 fi kumni 80 ol galmaa’aniiru.
 
Abbootiin warraa fi haadholiin warraa harka qalleeyyii ta’an kumni 55 tajaajila faala fayyaa bilisaa akka argatan hojjetama ajira jedhan hoggantichi.
 
Tajaajila yaala fayyaa bilisaa argachuuf jiraataan magaalichaa waggaatti Birrii 350 kaffaluutu isarraa eegama.
 
Wabii inshuraansii fayyaa hawaasatiin bara 2009 jalqabee namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 46 ol fayyadamoo ta’aa jiru.
 
Sadarkaa biyyaatti sagantichaan namoonni miiliyoonni 20 ol fayyadamoo ta’aa jiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.