Fana: At a Speed of Life!

Waancaan hidha haaromsaa turtii kutaa magaalichaan galii Birrii miiliyoona 47 ol walitti qabame

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) – Waancaan hidha haaromsaa turtii kutaa magaalichaan galii Birrii miiliyoona 47 ol walitti qabame.

 

Waancaan hidha haaromsaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti turtii galii walitti qabuu tureen Birrii miiliyoona 47.6 ol walitti qabameera.

 

Waancaan hidha haaromsaa turtii guyyoota 20 kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoon Birrii miiliyooa 32.6 walitti kan qanbame yoo ta’u, Birrii miiliyoonni 15 ol ammoo waadaa kan galamedha.

 

Kutaan Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo waancaa imaanaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa fuudhe kutaa Magaalaa Aqaaqii Qallittif dabarseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.