Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Awurooppaan taphoonni har’a biyyoota ramaddii ‘E’ jala jiran gidduutti taasiifamu hawwiin eegama

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) –Waancaa Awurooppaa17ffaan taphoonni har’a biyyoota ramaddii ‘E’ jala jiran gidduutti taasiifamu hawwiin eegama.

Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee taphni Yuukreen Beeljiyeem, Isloovaakiyaan Roomaaniyaa waliin taasiisaan ni eegama.

Biyyoonni arfanuu taphoota hanga ammaatti taphataniin qabxii 3 walqixa qabu.

Tapha moo’ataniif darbuuf gahuuf falmiin har’a taasisaan xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Akkasumas halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee biyyoonni ramaddii ‘F’ morkiin taasisaan ni eegama.

Dursitee tapha moo’atanii darbuuf gahuu kan mirkaneeffatte Poorchugaal Joorjiyaa waliin yoo taphattu, Riippaablikni Cheek marsaa moo’aatii darbuuf morkiin Turki waliin taasiiftu ni eegama.

Cheek qabxii 1 fi Turki ammoo qabxii 3 qabdi.

Har’a carraa itti aanuu murteeffachuuf falmiin taasiisan hawwiin eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.