Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Awurooppaan har’a taphni Xaaliyaanii fi Kirooshiyaa gidduutti taphatamu hawwiin eegama

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Waancaa Awurooppaa 17ffaan har’a taphoonni marsaa xumuraa ramaddiiwanii biyyoota ramaddii ‘B’gidduutti taasiifamu ni eegama.

Halkan saa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni Xaaliyaanii fi Kirooshiyaa gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera.

Xaaliyaaniin tapha kana dura taphatte lama keessaa 1 injifachuun tokko ammoo injifatamuun qabxii sadi qabdi.

Kirooshiyaan tokko injifatamuun, tokko ammoo qixa ba’uun qabxii 1 qofa qabdi.

Biyyoonni lamaan marsaa itti aanutti darbuuf falmiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.

Tapha moo’atanii darbuuf gahuu kan mirkaneeffatte Ispeen halkan sa’aatii 4:00 eegalee Albaaniyaa waliin taphatti.

Albaaniyaan tapha tokko injifatamuun tokko ammoo qixa ba’uun qabxii 1 qofa qabdi.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.