Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Awurooppaan har’a taphni Jarman Siwiizarlaand waliin taasiiftu ni eegama

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) –Waancaa Awurooppaa 17ffaan taphoonni marsaa xumuraa ramaddiiwwanii har’aa eegaluun kan taphataman yoo ta’uu,taphni Jarman Siwiizarlaand waliin taasiiftu ni eegama.

Jarman marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte yoo ta’uu, Siwiizarlaandi har’a yoo xiqqaate qabxii 1 argachuu yookaa ammoo tapha Iskootilaandii fi Hangaarii gidduutti taasiisamu eeguun dirqama itti ta’a.

Taphoonni marsaa xumuraa rammaddiiwwan kun tapha har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Jarman Siwiizarlaand fi Iskootilaand Hangaarii waliin taphataniin eegalama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.