Fana: At a Speed of Life!

Waan Uummata fayyadu hojjechuun sabboonummaa gochaan mul’isaa jrra – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Pireezidaantii Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee miseensonni Caffee Oromiyaa ijaarsa Gamoo Miidiyaa OBN daawwataniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan ulfinaa fi maqaa sabichaa ol kaasan hedduu hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Gamoo Mana Murtii walii galaa Oromiyaa, ijaarsa Gamoo Miidiyaa OBN fi kanneen biroos akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Waan Uummata fayyadu hojjechuun sabboonummaa gochaan mul’isaa jrra jedhan.

Bilisummaa siyaasaan goonfanne diinagdeen dabaaluuf cichinee hojjechaa jirra jedhan Itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Sadarkaa itti aanaa Pireezidentiitti qindeessaan Kilaastara Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa OBN Miidiyaa Addunyaarratti dorgomaa ta’e taasisuuf xiyyeeffannoo Olaanaan itti kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.