Waamichii fi murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad seena qabeessaa fi yeroo isaa kan eegedha- Proofeesar Laappisoo Geedeeleeboo
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Waamichi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Ityoophiyaanotaa fi uummata gurraacha hundaaf dabarsan murtoo seenaa qabeessaa fi yeroo isaa eegedha jedhan qorataan seenaa Proofeesar Laaphisoo Geedeeleeboon.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad waraana garee shororkeessaa ABUT waliin walqabatee uummata Ityoophiyaa hundaaf fakkeenya ta’uu fi qabatamaan waraanuuf murteessuun isaanii murtoo akka seenaatti ol kaa’amudha jedhan.
Ityoophiyaan yeroo ammaa waraana Adwaa waliin walfakkaataa ta’e keessa jirachuu ibsaniiru.
Waraana diina uummata gurraacha maraa kan ta’an biyyoonni lixaa, baandaa fi diina uummata Ityoophiyaa hundaa kan ta’e garee shororkeessaa ABUT waliin taasifamu ilaalchisee Muummeen Ministiraa ergaa yeroo isaa eeggate dabarsuu kaasaniiru.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.