Fana: At a Speed of Life!

Waamichi Diyaaspooraawwaniif taasiifame dhiibbaa Dippiloomaasii fi Miidiyaalee Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru ni hir’isa – Ejansii Diyaaspooraa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Waamichi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa, dhalattootaa fi michuuwwan ishee miiliyoona 1f taasiisan dhiibbaa Dippiloomaasii fi Miidiyaaleen Ityoophiyaarratti taasiisaa jiran kan hir’isu ta’uu itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Idiriis ibsaniiru.
Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa gaaffii hawaasa Diyaaspooraarraa ka’u deebisuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Mahaammad Idiriis himaniiru.
Miisiyoonnawwan Ityoophiyaa waliin ta’uun Diyaaspooraan biyya jiraatuu osoo hin ka’in dura, erga Ityoophiyaa dhufanii booda gara dhufunitti wayita deebi’an hojiileen hojjechuu qaban qophaa’uu kaasaniiru.
Hawaasa Diyaaspooraa waliin sagantaan galii walitti qabuu qophaa’uu Dooktar Mahaammad eeraniiru.
Diyaaspooraan waamicha biyyaaf deebii laachaa jiru bu’uura taasiisuun Viizaa Imalaa waliin walqabate rakkoo ture Tajaajilli Gumurukaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun furuu kaasaniiru.
Meeroon Mulgeetaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.