Fana: At a Speed of Life!

Waamicha lammiilee miiliyoona 1 gara biyyaa akka galaniif taasiifameen deeggarsa meeshaalee yaala Fayyaa walitti qabuuf duulli eegalame

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Waamicha lammiileen miiliyoonni 1 kabaja ayyaana qilleef gara biyyaa akka galaniif taasiifameen deeggarsa meeshaalee yaala Fayyaa walitti qabuuf duulli eegalameera.
Sosochiin ‘korojoo tokko lammii koof’ jedhuun eegalame Diyaaspoorawwwan gara biyyaa galan meeshaalee yaala fayyaa qabatanii akka galan duulli eegalameera.
Sababa gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee yaala fayyaa naannoo Amaaraa fi Afaaritti saamee fi barbadeesseen lammiileen hedduun rakkoof saaxilamuun kan yaadatamuudha.
Diyaaspoorawwan kabaja ayyaanaa qilleef gara biyyaa dhufan meeshaaleen yaala fayyaa deeggarsa akka taasiisan waamichi dhiyaateera.
Diyaaspoorawwan gara biyyaa hin galle ammoo nama biroon akka ergan duulli gaggeeffamaa jiraachuu qindeessitoonni duulichaa ibsaniiru.
Hanga ammaatti naannolee kanneenitti dhaabbileen yaala fayyaa kumni 2 fi 700 ol barbadaa’uun Ministeerri Fayyaa ifoomsuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.