Fana: At a Speed of Life!

Waamicha Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa marsaa 3ffaaf misiyoononni hojii qindeessuu cimsanii akka itti fufan gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Misiyoononni waamicha Itiyoophiyaanotaa dhaloota 2ffaaf taasifameen marsaa 3ffaaf gara biyyaa kanneen dhufaniif hojii qindeessuu cimsanii akka itti fufan waamichi dhiyaate.

Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa gara biyyaatti marsaa 3ffaaf dhufan haala qindeessuun danda’amurratti misiyoonota Itiyoophiyaa waliin mariin gaggeeffameera.

Marichaan Walitti Qabduun Koree Biyyaalessaa Waamichaa Itiyoophiyaanota Dhaloota 2ffaa fi Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin, sagantichi waamicha Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasisaan marsaa 3ffaa ta’uu eeran.

Kaayyoon isaas Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaan aadaa fi seenaa isaanii akka beekaan akkasumas hojii tola ooltummaarratti hirmaannaa akka taasisan kaka’umsa uumuuf ta’uu ibsan.

Kana milkeessuufis koreen biyyaalessaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas sadarkaa federaalaatti dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantichi hanga Fulbaana 2017’tti kan turu ta’uun misiyoononni hojiilee qindeessuu cimanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Daayrektarri Ittaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Obbo Balaayinee Aqinaawu gama isaaniin, waamichichaan Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa, daran biyya isaanii akka beekanii fi ashaaraa isaanii akka kaa’aniif sagantaaleen garaagaraa qophaa’uu dubbatan.

Waltajjichaan dhalattoonni Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa marsaa 3ffaan gara biyya isaanii dhufaaniif hojiilee karoorfamanii fi gahee misiyoonotaarratti ibsi bal’aan kennamuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.