Fana: At a Speed of Life!

Waamicha biyyaa hordofee hirmaannaa diinagdee diyaaspoorawwan taasiisaniin galiin Birriin biiliyoonni 22.1 argame – Ejansiin Diyaaspoora Ityoophiyaa

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Waamicha biyyaa hordofee hirmaannaa diinagdee diyaaspoorawwan taasiisaniin galiin Birriin biiliyoonni 22.1 argamuu Ejansiin Diyaaspoora Ityoophiyaa beeksiiseera.
Diyaaspoorawwanii fi dhalattoonni Ityoophiyaa gara biyyaa dhufuun qabsoo karaa bittinnaa’een gaggeeffamaa ture walitti fiduuf qooda guddaa qabaachuu ibseera.
Ejansiin Diyaaspoora Ityoophiyaa sochii torbeewwan darban sagantaa ‘imala guddaa gara biyyaa’ jedhuun raawwatame ilaalchsee miidiyaaleef ibsa laateera.
Diyaaspoorawwan gara biyyaa dhufuun bu’aa damee Paablik Dippiloomaasiin argame ta’uu Itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspoora Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis ibsaniiru.
Diyaaspoorawwan gara biyyaa dhufuun Ambaasaaddarummaa biyyaa cimsanii akka itti fufaniif kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Maqaa gaarii biyyaa ijaarurra darbee tajaajilawwan garaagaraarraa Birrii miiliyoonni 33.1 argamsiisuu kaasaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 39.9 deeggara namoomaaf erguu isaanii eeraniiru.
Ragaa hanga ammaatti jiruun miseensonni diyaaspooraa 450 gaaffii Invastimantii dhiyeessuun sochii eegaluu himaniiru.
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.