Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa sanada waliigaltee “Waadaa Jaagol” jedhamu mallateesse

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)-Waajjirri Olaanaa Paartii Badhaadhinaa waajjiraalee damee naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin sanada waliigaltee “Waadaa Jaagol” jedhamu mallatteeseera.

Damee Siyaasaa Fi Ijaarsa Dandeettii Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Hagayya 22, eegalee raawwii karoora 2015 waajjiraalee damee naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin gamaaggameera.

Sanadichi damee ijaarsaa dandeetti siyaasaa bara 2016 raawwachisuuf sagantaalee karoorfaman kan qabate ta’uun ibsameera.

Paartichi bara 2016’tti qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuurratti kan mari’ate yoo ta’u, kallattii fuulduree kaa’uun guyyaa borii xumuramaan kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Gamaaggamichaan boodas guyyaa har’aa hojiilee ijaarsa dandeettii siyaasaa bara 2016’tti hojjetaman kan qabate “Waadaa Jaagol” jedhamu mallatteessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.