Waajjirri paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar hundeeffama paartii badhaadhina waggaa 5ffaa ilaalchisuun ibsa kenne
Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) –Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee magaalaa Shaggar hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa 5ffaa ilaalchisuun ibsa Miidiyaaleef kenneera.
Ibsicha kan kennan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Magaalichaa Obbo Alamaayyoo Tulluun, Waggootan jijjiramaa as sababni hundeffama paartii badhaadhinaa qabsoo haqaa hawaasaa hirmaachisaa taasisuuf ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon hundeeffama paartichaa Mootummaa fudhatamummaa qabu ijaaruu fi biyyattitti seenessa waloo fi mul’ata waloo mirkanneessuuf ta’uu kaasaniiru.
kabajni waggaa 5ffaa paartichaas sagantaalee garaagaraan kabajamuu himaniiru.
Sagantichi kanneen akka dhiiga arjoomuu ,manneen harka qalleeyyii ijaaruu,simpooziyemii ispoortii fi kanneen biroon kutaalee magaalaa shaggar hunda keessatti kabajamuu Obbo Alamaayyoon dubbataniiru.
Kantiibaan Magaalaa shaggar Dooktar Tashoomaa Adduunyaan gama isaaniin,erga paartichi hunda’ee hojiin gurgurddoon hedduun sadarkaa biyyaattis ta’ee magaalaa shaggaritti hojjetamuu eeraniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase