Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Giiftii Duree lammiilee Qaro Dhabeeyyiif deeggarsa Fuulle Ijaa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)- Waajjirri Giiftii Duree lammiilee Qaro Dhabeeyyii Magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee jiraataniif deeggarsa fuulleea ijaa (Marayaa Ijaa) taasise.

Waajjirichii Pirojektii Orcam Ethiopia waliin ta’uun marsaa 2ffaaf barattoota Qaro Dhabeeyyii 72 Magaalaa Jimmaa fi naannoo isheetti argamaniif fuullee ijaa bu’aa teeknooloojii ammayyaa deeggarsa taasiseera.

Barattoonni deeggarsi taasifameefis akkataa fayyadama teeknooloojichaarratti leenjii gahaan kennamuufii himaniiru.

Deeggarsa marsaa 2ffaa kanaan Barattoota Qarodhabeeyyii Magaalota Hawaasaa, Dassee, Dirree Dhawaa fi Jimmaatti argaman kuma 2’f Kennamuun ibsameera.

Waajjirri Giiftii Duree marsaa jalqabaatiin Barattoota Qaro Dhabeeyyii kuma 2’f deeggarsa taasisuun ni yaadatama.
Samiiraa Mahammadyaasintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.