Fana: At a Speed of Life!

Waajjirichi namoota qaroo dhabeeyyii kuma 2’f Mana Tsira gumaache

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Waajjirri Giiftii Duree namoota qaroo dhabeeyyii kuma 2’f Mana Tsira gumaacheera.

Mana Tsirri/Marawwaan/ kun barreeffamoota garaagaraa dubbisuuf, Noottii Maallaqaa fi halluuwwan adda baasuuf, kallattii fuula duraan eenyu akka dhufaa jiru galmeessee ragaa laachuu danda’a jedhame.

Maallaqa gargaarsa Dhaabbilee adda addaan biyya alaa kan gale meeshaan kun jireenya qaroo dhabeeyyii ni jijjiira jedhame.

Mana Tsirichi Waggaa tokko dura qaroo dhabeeyyii 150’f laatamuun bu’aa qabeessa ta’ee argamuu isaan marsaa kanaan ammoo namoota kuma 2’f kennamuu ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.