Fana: At a Speed of Life!

Waadaa heera mootummaa irratti galaman eegsisuuf qabsoo guddaan taasiifameera- Obbo Shimallis

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Waadaa heera mootummaa irratti galaman eegsisuuf qabsoo guddaan taasiifameera jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo oromiyaa obbo Shimmallisa Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan guyyaa sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa 14ffaa qopheessummaa naannoo Oromiyaatin magaalaa Finfinnee Istaadiyamii Finfinneetti kabajamerratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Qabsoo hadhaawaa gaggeeffameen waggaa tokko dura jijjiirrama argame itti fufsiisuuf walqixummaa fi bilisummaa hundee gadi fageeffate uumuuf karaa heeraa fi seeraa qofaan rakkoolee mul’atan furuuf yaa hojjennu jedhan obbo Shimallis.

Ayyaanni kun magaala gudditti naannoo oromiyaa Finfinneetti kabajamuun isaa gammachuu dachaa keenya jedhaniiru.

Ayyaana kana yeroo kabajnu sirbuu qofaan osoo hin taane heera biyyaattii kabajuu fi kabachiisuun walqixxummaan akka dagaagu taasisuuf hojjechuun murteessadha jedhan obbo Shimmallis.

Ammaan booda tokko roorrisaa tokko ammoo roorrifamaa ta’uun hin danda’amu jedhaniiru.

Sabaa fi sablamoota, ummattoota gidduutti jaallalli, walkabajuu fi aadaan waliin jirachuu akka dagaaguuf hojjechuun ga’ee qaama hundaa ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Sirna kabaja ayyaana sabaaf sablamoota fi ummattoota Ityoophiyaa 14ffaa kana irratti af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Keeriyaa Ibraahiim, preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, itti aanaan muummee ministira FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan, preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa FDRI Ma’aazaa Ashannaafii, af’yaa’iiwwan manneen maree naannolee, aanga’oonni mootummaa olaanoon, abbootiin Gadaa, hoggansi amantii fi bakka buutonni sabaa fi sablamootaa argamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.