Fana: At a Speed of Life!

Viilaadmiir Putiin erga 2019 yeroo jalqabaaf Abudaabii galan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Erga bara Faranjootaa 2019 as yeroo jalqabaaf Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Putii Gamtaa Emereetota Arabaa, Abudaabii galan.

Vilaadmiir Putiin daawwannaaf gara biyyatti wayita galan Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaaniin simannaan olaannaan taasifameeraafi.

Putiin daawwannaa isaaniin hariiroo gamlamee fi haalaa naannawaa biyyootaa baha giddugaleessaarratti akka mari’atan Kireemliin beeksisteetti.

Walga’ii isaanii jalqabaarrattis Pireezidaanti Mahaammad Biin Zayiid Al Naahiyaan gita isaanii Raashiyaan walarguutti gammaduu ibsaniiru.

Dureewwan lameen baatii Waxabajjii darbe, Foorami Diinagdee Idil Addunyaa Seenti Peetisbargi Raashiyaatti gaggeeffamerratti wal arguun isaanii eerameera.

Putiin, erga dhiyoo as hariiroon Moskoo fi Abudaabii gidduu gara sadarkaa olaanaatti ce’uu akeekan.

Kunis addunyaa Arabaa keessaa, Gamtaan Emereetota Arabaa michuu daldalaa Raashiyaan akka taate dubbachuun ibsameera.

Putiin biyyatti seenuu labsuufis jeettiiwwan waraanaa Gamtaa Emereetotaa Arabaa alaabaa Raashiyaa samii biyyatti keessa mirmirsuun argisiisuu RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.