Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin Covid-19 qaqqabsisu wantoota akka nootii baankii, iskiriinii bilbilaafi sibiilarra guyyoota 28f turuu danda’a

Finfinnee, Onkolooleessa 2, 2013 (FBC) – Vaayrasiin Covid-19 qaqqabsisu wantoota akka nootii baankii, iskiriinii bilbilaafi sibiilarra guyyoota 28f turuu danda’a jedhe qorannoon.

Bu’aan qorannoo Ejansii Saayinsii Biyyaalessaa Awustiraaliyaarra argame SARS-cov-2 hanga yaadamee ol turuu danda’a jedha.

Ta’us garuu qorannoon kun dukkana keessatti kan taasifame yoo ta’u, ifni UV vaayrasicha akka ajjeesu durumaanuu bira gahameera.

Saayinistoonni muraasni ammoo bu’aa qorannoo kanarratti mamii qaban ibsaniiru.

Vaayrasiin koroonaa yeroo baay’ee yoo namni qufa’u, haxxiffatu yookiin dubbatu daddarba.

Ta’us wantoota qilleensa keessa jiraniin daddarbuu akka danda’us ragaan ni jira.

Dabalataanis wantoota akka sibilaa yookiin pilaastikii namni Covid-19 qabame tuquunis daddarbuu akka danda’u Wirtuu Ittisa Dhukkaa Yuunaayitiid Isteet (CDC) ni mul’isa.

Qorannoon asiin dura taasifame SARS-cov-2 nootii baankii fi fuullee irratti guyyoota lamaa hamma sadiitti turuu akka danda’u mul’isa akkasumas sibiilaa fi pilaastikii irratti hamma guyyoota jahaa turuu danda’a.

Qorannoon ejansii CSIRO Awustiraaliyaatiin taasifame garuu vaayrasichi iskiriinii bilbilaa fi nootii baankii jirra C20 (F68) keessatti guyyoota 28f turuu akka danda’u mul’isa.

Vaayrasichis wantoota qaawwa qaban, laafaa ta’an irratti yeroo dheeraaf ni tura, gama kaaniin uffata irratti guyyoota 14 caalaa hin turu.

Piroofeesar Roon Eklees Yuunivarsiitii Caardiifitti daayirektara Wirtuu Qufaa kan turan yoo ta’u, qorannoon kun “ummata sodaa hin barbaachifneef saaxila” jedhan.

“Vaayirasichi wantootarratti hammam turuu akka danda’u beekuun waan gara fuulduratti ta’an haalan raaguu fi tatamsa’inna vaayirasichaa hir’isuuf akkasumas namoota keenya eeguuf hojii fooyyee qabu akka hojjannuuf nu gargaara,” jedhan hogganaan CSIRO Dooktar Laarii Maarshaal.

Guutuu addunyaarratti hojjattoonni omisha foonii irratti hojjatan kumaatamaan laakka’aman Covid-19 qabamaniiru.

Dabalataanis bu’aan qorannoo isaanii nyaata teempireechara qorraa keessatti argaman irratti turuu akka danda’u eeraniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akkas jedha: “Namni nyaataan yookiin meeshaa nyaata ittiin saamsame irraa hamma ammaatti Covid-19 qabame hin jiru.”

Maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.