Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaan namoonni kumni 8 ol du’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Sadarkaa addunyaatti namoonni kumni 8 ol vaayrasii koroonaan du’uu isaanii ibsame.
 
Erga vaayrasiin koroonaa muul’ate addunyaarratti namoota kuma dhibba 2 ol qabaman keessaa namoonni kumni 8 du’aniiru jedhame.
 
Kibba Baha Eeshiyaa fi gamtaa Awrooppaatti tatamsa’ina vaayrasii kanaa ittisuuf sosochiin taasifamuu cimuu akka qabu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waamicha dhiyeessera.
 
Afrikaatti biyyoota 33 keessatti muul’achuu isaa ibsameera.
 
Baha Afrikaatti qofa biyyoota 7 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, Ruwaandaatti namoonni 8, Keeniyaatti namoonni 7 qabamuu isaanii ibsameera.
 
Gibtisitti namoonni 196,Afrikaa Kibbaatti ammoo namoonni 116 qabamaniiru.
 
Awrooppatti Xaaliyaaniin biyya daraan miidhamaa jirtu yoo taatu, guyyaatti namoonni 345 du’aa jiru jedhame.
 
Ameerikaatti bulshiinsa 50 keessatti muul’ateera.
 
Maddi:-CGTN fi al jazeera
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.