Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaa hunda galeessaa cimsuun barbaachisaadha-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin sagantaa irraa deebii ittisa COVID-19 biyyoolessaa eegalchiisuurratti vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaa hunda galeessaa cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan sadarkaa biyyoolessaa fi naannootti sochii sagantaa mata dure  ”irra deebiin xiyyeeffannoo vaayrasii koroonaa” jedhu baatiiwwan lamaaf turu eegalchisaniiru.

Ministirichi koree biyyoolessaa Covid-19, preezdaantoota naannolee fi hoggantoota hojii mootummaa biroo waliin marii viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniiru.

Marichaan weerara vaayrasii koroonaa idil addunyaa fi biyyoolessaa yaada keessaa galchuun hooggansii sadarkaan jiru qaamoleen ilaallatuu hundi milkaa’insa sochiichaaf xiyyeeffannoo laachuun qindoominaan hawaasa hirmaachisuun hojjechuu qabu jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, karooraa sochii irra deebiin ittisa vaayrasii koroonaa biyyoolessaa dhiyeessaniiru.

Tamsa’inni vaayrasichaa yeroo ammaan kana haala yaaddeessaarra jiraachuu ibsun, vaayrasiicha ittisuun ammentaa du’aa hir’suu, hirmaannaa hunda galeessaa cimsuu, hubannoo uumuu fi hojii sochii seeraa kabajiichuu, humna qorannoo fi uwwisa talaallii guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qabu ragaan Ministeera Fayyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.