Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf dargaggoonni ga’ee isaanii ba’achuu qabu -preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf dargaggoonni ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhan preezdaant Saahilawarq Zawdeen.
 
Preezdaant Saahilawarq waltajjii fayyaa dargaggootaa Ministeerri Fayyaa qopheesserratti ergaa dabarsaniiru.
 
Dargaggoonni fayyaa qaamaa fi sammuu isaanii eeaggachuuf duursa laachuu qabu jedhan.
 
“Dhaloonni fayya qabeessi jiraatu malee, biyyi fayyaan hin jiraattu.” waan ta’eef babal’ina vaayrasichaa ittisuurratti dargaggoonni ga’eesaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.
 
Dargaggoonni of eeguu qofa osoo hin taane, hawaasas barsiisuu fi hubannaa laachuun hirmaachuu qabuun dhaamaniiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaanitiin karoora fayyaa waggaa 10tin dargaggoonni xiyyeeffannaa adda duree kan argatan ta’uu beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.