Fana: At a Speed of Life!

Vaayirasiin Koroonaa biyyoota miseensa IGAD irra miidhaa akka hin qaqqabsiifneef hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Mootummootni Misooma Baha Afrikaa (IGAD) Vaayirasiin Koroonaa naannichatti miidhaa akka hin geessisneef hojii dursanii ittisuu hojjechaa jiraachuu beeksise.

Biyyoonni miseensoota IGAD tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf hojii durasanii ittisuu hojjechaa jiraachuu barreessaa olaanaan dhaabbaticha Dooktar Warqinaa Gabayahu ibsaniiru.


Aanga’oonni biyyoota kanneenii maalummaa fi karaalee vaayirasichi ittiin daddarbu hawaasni akka hubatuu fi of eeggannoo taasiifamuu qabu irratti hojii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Vaayirasichi naannichatti mudachuuf carraa qabaatus miidhaa cimaa akka hin qaqqabsiifne biyyoonni kunneen qindoominaan hojjechaa akka jiran Dooktar Warqinaan himaniiru.

Dhibee kanaan Chaayinaatti namoota kuma 20 ol qabaman keessaa namoonni 426 du’aniiru.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.